Ayyaaneffannaan Ummataa Maalummaa Aadaafi Seenaa Isaanii Eeganii Dhalootaaf Akka Darban Hawaasni Ga’eesaa Bahuu Qaba

148

QabaFulbaana14 /2015 /TOI/ Ayyaaneffannaan ummataa maalummaa aadaafi seenaa isaanii eeganii dhalootaaf akka darban hawaasni ga’eesaa bahuu akka qabu abbaan taayitaa eegumsa hambaa Itiyoophiyaa waamicha dhiheesse.

Hambaalee hin qabatamne hedduu Itiyoophiyaan qabdu Yuuneeskoo hambaa addunyaatti galmeessisuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.Itiyoophiyaan hambaalee 13 yuuneeskootti galmeessisuudhaan Afriikaarraa dursaa akka jirtu ragaaleen ni eeru.

Kanneen keessaa arfansaanii hambaalee hin qabatamne yoo ta’u, isaanis Daamaraa Masqalaa, Ayyaana Cuuphaa, Sirna Gadaa Oromoo, Bara haaraa Sidaamaa “Fiichee Cambalaalaa”ti.

Abbaa taayitaa eegumsa hambaa Itiyoophiyaatti ogeetti olaanaa hambaa hinqabamnee adde Itaagenyi Asras, ayyaaneffannaawwan ummataa maalummaa isaanii eeganii dhalootaaf akka darban hawaasni ga’eesaa ba’uu qaba.

Hambaalee hinqabamne eeganii itti fufsiisuun yoo hin danda’amne galmee hambaa addunyaarraa haqamuu akka danda’an ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa bara haaraa Walaayittaa”Gifaataa” fi hawaasa Hararii biratti dammaqinaan kan kabajamu “Shawaal Iid” dabalatee hambaalee hinqabatamne hedduu hambaa addunyaatti galmeessisuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.

Hambaalee Yuuneeskootti galmeessisuun akka beekamaniifi tuurizimiif akka oolan gochuuf akka gargaaru.Kana malees Itiyoophiyaan Siidaawwan Aksumirraa kaasee amma sulula Oomoo garagadiitti hambaalee hin qabamne hedduu Yuuneeskootti galmaa’an qabdi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015