Yuunivarsiitiin Jijjigaa ogummaa garaagaraan baratoota barsiisaa ture 700 eebbisiise.

94

Fulbaana 14/2015(TOI) - Yuunivarsiitiin Jijjigaa ogummaa yaala fayyaa dabalatee baratootaa ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 700 eebbisiise.

Yuunivarsiitichi baratootaa har'a eebbisisee kana dabalatee yeroo 14ffaa bartoota eebbisuusaati jedhameera.

Eebba baratootaa kanarratti Waajjira Pireezidaantii naannoo Soomaaleetti Itti gaafatamaa kan ta'an doktar Huseen Qaasiim,Pireezidaantii Yuunivarsiitii Jijjigaa doktar Bashir Abdullaahii, maatii baratoota eebbifamtootaafi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Yuunivarsiitichi har'a baratootaa 704 kan eebbise yoo ta'u kanneen keessaa baratoonni 428 ogummaa yaala fayyaan digirii jalqaan kan eebbifaman ta'uun himameera.

Kanneen biroon hoggansa barnootaa, Idukeeshinaan manajimeenti,Sosholojii, Akkaawuntingiifi kanneen biroon barnoota isaanii digirii jalqabaafi lammaaffaa hodofaa kan turanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015