Dorgommii fiigicha walakkaa maraatoonii Deenmaarik Kooppanhaganitti geggeeffame Atileetoonni Itoophiyaa injifatan

90

Fulbaana 8/2015(TOI) - Dorgommii fiigicha walakkaa maraatoonii Deenmaarik Kooppanhaganitti geggeeffame Atileetoonni Itoophiyaa injifatan

Ramaddii dubartootaan atileetti Taadduu Tashoomee yeroo 1:06:13 ta'een injifateetti.

Tsiggee Gabrasalaamaa 1:06:35 yeroo ta'een 2ffaa, akkasuma Xiruyyee Masfi yeroo 1:06:42 ta'een 3ffaa waliduraa dubaan galuun injifataniiru.

Dorgommii dhiirotaan taasifamee atileeti Milkeessaa Mangashaa yeroo 58:58 ta'een faheenyicha xumuruu sadarkaa 1ffaan injifateera.

Amdawariq Walaalliny 2ffaan yoo xumuru, Caalaa Raggaasaa sadarkaa 6ffaan,Tsaggaay Kidaanuu sadarkaa 1ffaan akkasuma Geetaanee Mollaa 12ffaan fageenyicha xumuraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015