Doktar Wiiliyaam Ruuttoo Pireezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta'uun sirna kakuu raawwatan.

80

Fulbaana 3/2015(TOI) - Doktar Wiiliyaam Ruuttoo Pireezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta'uun sirna kakuu raawwachuu aangoo fudhatan. Sirna kakuu kanaan boodas haasa ni taasisu jedhamee eeggama.

Haaluma walfakaatuun itti aanaa Pireezidaantii Keeniyaa ta'uun kan filaman Rigaatii Gachaaguwaan sirna kakuu raawwachuu ifatti aangoo fudhataniiru.

Sirna kakuu kanarratti Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota adda addaafi Dippilomaatoonni argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015