Haleellaan Shororkeessaa Siriilaankaatti Qaqqabe Shororkeessota Idil Addunyaa Waliin Walitti Hidhiinsa Qabaachuu Ni Danda’a Jedhame

77

Ebla14/2011 Haleellaan Shororkeessummaa Dilbata darbe Siriilaankaatti namoota 290 ajjeesee fi namoota 500 madeesseShororkeessuummaa idil addunyaa waliin walitti hidhiinsa qabaachuu akka danda’u gabaafame.

Mootummaan Siriilaankaa amma kana beekamtii kan hin qabnee fi biyyattii keessa kan socho’u garee shororkeessaa Naashinaal Towuhiid Jaamaat jedhamu itti gaafatamaa taasisus amma ammaatti qaamni itti gaafatama fudhate akka hin jirre odeeffannoon kun ni agarsiisa.

Poolisiin haleellaawwan guyyoota walitti aanan raawwataman harka keessaa qabu kan jedhe namoota 24 kan hidhe yoo ta’u, labsiin yeroo hatattamaa akka labsamus taasiseera.

Wixata ganama dhohiinsi magaalaa guddoo Kolombootti kan argamu dhiheenya bataskaanaatti dhohe magaalattii raaseera, poolisiin dhukaasni kun osoo hin dhohiin fashaleessuuf ture dhohuusaa kan eere gabaasni kun, dhohiinsa kanaan balaa qaqqabe beekuun akka hin danda’amnes eereera.

የGochi shororkeessaa kun osoo hin raawwatiin torbee lama dura aanga’oota biyyattiif dhohiinsi boonbii qaqqabuu akka danda’u ergaan akeekkachiisa fakkaatu garee shororkeessaa naashinaal Towuhiid Jaamaat irraa qaqqabee akka ture oduu himaan kaabinee Siriilaankaa Raajitaa Seenaaraantee wayita ibsa kennan dubbachuusaanii gabaasichi dabalee eereera.

Oduu himaan kun itti dabaluudhaan qaamoleen haleellaa boonbii geessisan kunneen biyya alaarraa deeggarsi taasifameefii akka ta’e dubbatanii, gareewwan shororkeessotaa biyya keessa socho’an qofaasaanii haleellaa akkasii raawwatu jedhanii akka hin amanne hubachiisaniiru.

Walitti hidhiinsa shororkeessummaa iil addunyaa kukkutuuf yaalii taasifamu akka deeggaru hawaasa addunyaatiif karaa pirezidaantii Siriilaankaa Maayitireepoolaa Siriiseef waamichi taasifamuusaa gabaasni kanaan wal qabatee ba’e agarsiisuusaa ‘BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015