Diyaaspooraarraa Doolaarri miiliyoona 1.2 ol walitti qabame

69

Finfinnee Mudde 21/ 2011 Pirojektii “maakiyaatoo tokkorraa doolaara tokko” jedhuun lakkoofsa herreegaa tirasti fandii Itoophiyaatiin  diyaaspooraarraa doolaarri miiliyoona 1.2 walitti qabameera.

Muummeen ministiraa doktor Abiyyi Ahmad Itoophiyaa fooyyofte ijaaruuf sochii adeemsifamu keesatti lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan gumaacha irraa eegamu akka ba'an waamicha taasisuun isaanii ni yaadatma.

Haaluma kanaan doolaara miiliyoona tokko walitti qabuuf lakkoofsi herreegaa tirasti fandiin Itoophiyaa kan baname yoo ta'u, karooraa ol doolaara miiliyoona 1.2 ol walitti qabuun danda'ameera. Lammiileen biyya alaa jiraatan waadaa gale eegee gumaacha taasiseef muummichi ministiraa doktor Abiyyi Ahmad galateeffataniiru.

Maallaqni kun pirojektoota diinagdee, hawaasummaa kanneen akka barnootaa, fayyaa,dhiheessii bishaan dhugaatii fi deeggarsa qaama miidhamtootaaf kan ooludha.

Kana malees hojii uumuuf, qonnaa fi misooma teekinooloojiif kan oolu yoo ta'u, tirasti fandiin kun diyaasporaan Itoophiyaa akka humnasaatti guyyaatti doolaara tokkoo fi kanaa ol akka gumaachu gochuuf kan hundaa'edha.

Waggaa warra Awurooppaa  bara 2018 maallaqni armaan olitti ibsame kan walitti qabame yoo ta'u, waggaa warra Awurooppaa bara 2019ttis diyaasporaan deeggarsa eegale cimsee akka itti fufu ni amanama jedhaniiru. Lammiileen Itoophiyaa miilioona 3 ol ta'an biyyoota addunyaa adda addaa keessa akka jiraatan himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015