Lammilee hojiif biyya alaatti bobba'an kan leenji'aniifi gahooman akka ta'an hojjetamaa jira - Ministeera Hojiifi Ogummaa

Hagayya 11/2014(TOI) - Lammilee hojiif biyya alaatti bobba'an kan leenji'aniifi gahooman akka ta'an hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Hojiifi ogummaa beeksise.

Lammileen biyya alaatti hojiirratti boba'anii jiran mirgi isaanii kabajeemeefii akka hojjetaniif mootummaan xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jiraachuus beeksiseera.

Deetaan Ministira Hojii fi ogummaa Nugusuu Xilahuun biyya keessatti carraa hojii lammileedhaaf uumuun cinaatti, biyya alaattis karaa seera qabeessa carraa hojii akka argataniif hojjechaa jira.

Kanaafis lammilee hojiif biyya alaatti bobba'an kan leenji'aniifi gahoomanii dorgomaa ta'an akka ta'aniif bobbii hojii kana hammattuu seeraan akka deeggaramu taasifameera jedhaniiru.

Waajjirri ministirichaas kanaaf jecha adeemsa ammayyaa hordofuun kutaa misooma humna namaarratti kan hirmaatu hundeessera jedhaniiru.

Bakkeewwan gabaan itti argamu bal'isuu keessattis biyyoota baay'ee walliin hojiin hojjetamaa jiraachuu himanii, Kuweetti waliin walii galtee waloorra gahamuufi gara hojiittis galamuu himaniiru.

Waliigalteen Kuweet waliin taasifamee guutummaatti yeroo gara hojiitti galame lammilee hedduuf carraan hojii kan uumamu ta'uus himaniiru.

Bareeniifi biyyoota Awurooppaa tokko tokkootti bobbbiin hojii karaa seera qabeessa ta'ee taasisuuf hojiin jalqabamuu himaniiru.

Waliigaltee Immireetoota arabaa gamtoomaniifi Kowaatar waliin taasifameen ogeeyyii fayyaa gara hojiitti bobbasuun danda'ameera jedhaniiru.

Itoophiyaan lammiilee gahooman hojiif gara biyyoota baha jiddugaleessa, Awurooppaafi kanneen birootti bobba'anii hojjetan horachuun ishee fayyadamtuu kan ishee taasisuu ta'uus himaniiru.

Hojjetoota mana keessaas guutummaafi gartookkeen leenjisuun gara biyyoota baha jiddugaleessa, Awurooppaafi kanneen birootti erguuf ijaarsi dhaabbatummaa akka fooyya'u taasifama jiras jedhaniiru.

Lammileen mirga, nageenyummaafi kabajaan isaanii eeggameefii gahumsaafi akka humna isaanitti hojjetanii fayyadamoo akka ta'aniif biyyoota adda addaa waliin waliigaltee taasisuun cimee itti fufas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015