Bara bajataa 2014tti raawwiin hojii faayinaanisii milkaa'aa ture - Baankii Biyyyaaleessa

70

Hagayya 2/2014(TOI) - Bara bajataa 2014tti raawwiin hojii faayinaanisii milkaa'aa akka ture Baankii Biyyyaaleessa beeksise.

Baankiin biyyaaleessa raawwii guddina damee baankii kan bara 2014 ilaalchisuun bakka bu'oota Baankiwwanii waliin mari'achaa jira.

Bulchaan Baankii Biyyaaleessa doktar Yinnaaggar Dassee waltajjii kanarratti haasaa taasisaniin bara bajata darbe Itoophiyaan alaafi keessaan qormaanni baay'een yeroo ishee mudateefi damee dinagdeerratti dhiibbaa keessa kan turtedha jedhaniiru.

Ta'us garuu guddinni dinagdee keenyaa haala gaariin deemaa jira jedhaniiru.Waraanni Yuukireeniifi Ruusiyaa guddina dinagdee biyyoota hedduu sadarkaa olaanaan miidhus kan Itoophiyaan garuu guddina agarsiiseera jedhaniiru.

Bara bajataa darbe keessayyuu sektara Faayinaanisiin guddinni olaanaan argameera jedhaniiru.Kanaanis Liqaa, Maallaqa dabalataafi liqaa deebisuun damee hundaan waliigalaan guddina olaanaa agarsiiseera.

Raawwiin Baankootaas haara gaariirra jiraachuu eeraniiru.Keessaayyuu gama Baankii dijitalawwaan maallaqni socho'uu olaanaa ta'uun lakkoofsii heerraga baankii kuma 43 banamuun himaniiru.

Telebirr gara gabaatti galuun isaa Baankii Dijitalawaaf kaka'usa gaarii ta'uus himaniiru.

Baankoonni tajaajila baankii dijitalawwaa kana caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoo laachuu akka qabanis himaniiru.

Akka doktar Yinnaaggar Daassee himanitti raawwiin hojii gabaa Elektirooniksii bara 2014, bara 2025tti karoora Dijitaal Itoophiyaa qabame galmaan gahuuf gahee olaanaa qaba.

Bara 2015 raawwiin kana caalaa fooyyee qabu akka eeggamu himanii, waliigalaan dameen faayinaanis haala rakkisaa hedduu keessa darbuun yeroo ammaa raawwii fooyyee qaburra gaheera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015