Itoophiyaafi Sudaan rakkoo isaan mudate miira obbolummaafi ollaa gaariin furuuf dandeettii qabu - MM doktar Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 22/2014(TOI) - Itoophiyaafi Sudaan rakkoo isaan mudate miira obbolummaafi ollaa gaariin furuuf dandeettii qabaachuu Ministir Muumnee RFDI dokatar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi Ahmad haala waqtaawaa Itoophiyaafi Sudaan ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin ergaa dabarsaniin, biyyoonni lamaan obboleeyyan ta'uu eeraniiru.

Biyyoota lamaan gidduu rakkoon jiraachuu kan ibsan Ministirri Muummeen Abiyyi Ahmad, obboleeyyan kunneen rakkoo isaan mudate furuuf tattaafachuufi tumsa taasisuu qabu jedhan.

Biyyoota lamaan walitti buusuu qaamni barbaadu jiraatus qaamoleen kunneen walitti bu'iinsa ummata biyyoota lamaanirraa bu'aan argatan hinjiraatu jechuun ibsaniiru.

Dhiibbaa humna alaan biyyoota lamaan gidduutti waldhabdeen uumamuu akka hin qabne hubachiisuun, of to'achuufi walitti bu'iinsarraa of qusachuu qabna jedhan.

Afuura diinaa jidduu keenya galchuu caalaa misoomaan waltumsuun waliin guddachuutu nurra jiraata jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015