Pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa pirojeektoota misoomaa adda addaa eebbisuuf Baalee magaalaa Roobee galan.

Waxabajjii, 22/2014(TOI) - Pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa pirojeektoota misoomaa adda addaa eebbisuuf Gadina Baalee magaalaa Roobee galan.

Jilli isaanii yeroo magaalaa Roobee buufata Xiyyaaraa Roobee gahaniis simannaan taasifameefira .Pirezidaantichi godinichatti pirojektoota bajata mootummaafi deeggarsa Gamtaa Immireetoota Arabaarraa argameen ijaaraman ni eebbisu jedhameera.

Pirojeektoota eebbifaman keessaas manneen barnoota magaalaa Roobeetti ijaaraman 4, jiddugala yaala fayyaa daa'immaniifi haadholiifi Gamoo bulchiinsa godina Baalee keessatti argama jedhameera.

Akkusama Siidaan Jeneraal Waaqoo Guutuu magaalaa Roobeetti ijaaramees ni eebbisu jedhamee eeggama.

Naannoo Oromiyaatti Waxabajjii 20/2014 irraa jalqabee hanga Hagayyaa 20/20014tti pirojeektota kuma 20 birrii biliyoona 42 ijaaraman hojiin isaanii xumuramee tajaajilaaf kan gahaan ta'uu mootummaan naannichaa kanaan dura ibsee ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015