Hanga ammaatti lammiileen Itoophiyaa kuma 40 ol Sa’uudi Arabiyaatti rakkoo keessa turan gara biyyatti deebi’aniiru jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Hanga ammaatti lammiileen Itoophiyaa kuma 40 ol Sa’uudi Arabiyaatti rakkoo keessa turan gara biyyatti deebi’aniiru jedhame.

Waxabajjii 18/2014((TOI) - Lammiilee Itoophiyaa Sa’uudi Arabiyaatti rakkoo keessa turan gara biyyasaaniitti akka deebi’an taasisuuf Koreen Biyyaalessaa hundeeffamee hanga ammaatti lammiileen kuma 40 ol gara biyyatti deebisuu ifoomseera.
Koreen Biyyaalessaa Waajjiraalee Mootummaa 16 of keessatti hammate baatilee darbanitti lammiilee rakkoo keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf marii taasisaniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daariktarri Jeneraalaa Dhimmoota Qontsilaa Ambaasaaddar Siraaj Rashiid akka himanitti hanga ammaatti balallii xiyyaaraa yeroo 111 taasifameen lammiileen Itoophiyaa kuma 40f 794 gara biyyaatti deebi’uu himaniiru.
Lammilee kuma 100fi kuma 2 gara biyyaatti deebisuuf karoora qabameen harki 40 milkaa’uu danda’amuus himaniiru.
Ministeera Dhimma Alaarraa odeeffanne