Yakkamtoota haleellaa raawwachuu keessatti hirmaatan hojiin ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufuu ta’uu eerame

65

Waxabajjii 17/2014 (TOI) – Biyyattii bakkoota garagaraatti haleellaa raawwataman keessatti yakkamtoota hirmaatan hojiin ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Deetaan Ministiraa Ministeerichaa Fiqaaduu Tsaggaa yakkoota eenyummaa bu’uureffatanii raawwataman keessatti kanneen hirmaatan irratti tarkaanfii fudhatamaa jiruu fi malaanmaltummaa ittisuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin tibbana Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbiitti lammiilee nagaarratti haleellaa suukanneessaaa raawwatame balaaleffataniiru.

Hojiin yakkamtoorratti tarkaanfii seeraa fudhachuu fi ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufu ta’uus himan.

Amantaa fi eenyummaa da’eeffachuun naannawaa biyyattii garagaraatti haleellaawwan raawwataman keessatti namoota hirmaatan to’achuuf qaamolee nagenyaa federaalaa fi naannolee waliin qindoominaan qorannoon itti fufuu kaasaniiru.

Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti lammiileerratti yakka gubaatii keessatti qaamolee nageenyaa hirmaataniiru jedhamanii shakkamanirrattis qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yakkoota malaanmaltummaa adda baasuu fi qorannoo gaggeeffamuu himanii, qorannoon gaggeeffames bu’aa argamsiisuu kaasaniiru.

Magaala Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti namoota dhunfaa kaafamtoota misoomaa hintaane 29 irraa seeraa ala maallaqa mootummaa Birrii miiliyoona 65 irratti malaanmaltummaa akka raawwatamu taasisan irratti himanni banamuu kaasaniiru.

Eeruun qaqqabeen bu'uureffachuunis namootaa sadii yakka malaanmaltummaan shakkamanirratti qorannoon gaggeeffamaa jira jedhaniiru.

Naannawaa garagaraatti yakkamtoota hojii badiisaa raawwatanirrattis hojiin qulqulleessuu gaggeeffamuun furmaannii kennamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015