Daa'immaan 100 dhukkuba onnee dhukkubsatan bilisaan biyya Hindiitti akka yaala fayyaa argataniif walii galteen mallatteeffame. - ENA Afaan Oromoo
Daa'immaan 100 dhukkuba onnee dhukkubsatan bilisaan biyya Hindiitti akka yaala fayyaa argataniif walii galteen mallatteeffame.

Waxabajjii 9/2014(TOI) - Daa'immaan 100 dhukkuba onnee dhukkubsatan bilisaan biyya Hindiitti akka yaala fayyaa argataniif walii galteen mallatteeffame.
Waliigaltee kanas Minsiteera Fayyaa, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Jiddugala gargaarsa daa'immaan dhukkuba onnee qabaniifi Rooterii Intarnaashinaalitu walii mallateesse.
Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa akka himanitti daa'immaan dhukkuba onnee dhukkubsatan mooraa Hospitaalaa Xuqur Ambaasaa keessatti kan argamu Jiddugala gargarsaa daa'immaan dhukkuba onnee qabaniitti yaala fayyaa argachaa kan jiran ta'us hanqina dhiheessii meeshaalee bu'uraa irraa kan ka'e haga barbaadamu yaala fayyaa kennuun hin danda'amne.Sababa kanaafi kanneen biroon yaala fayyaa onnee argachuuf daa'imman eeggachaa jiran yeroo ammaa kuma 7 jiraachuu himaniiru.Waliigalteen dhaabbilee arfan jidduutti taasifame daa'immaan 100 gara biyya Hindii deemanii yaala fayyaa onnee akka argatan gochuun cinaatti dabalatan jiddugala yaala fayyaa onnee dhaabbiin deeggaruufis kan gargaarudha jedhaniiru.Hogganaan olaanaa Daandii qilleensa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo daandiin qilleensicha hojii idilee isaan cinaatti dirqama hawaasummaas bahachaa jira jedhaniiru.Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dirqama hawaasummaa isaa bahuuf daa'immaan Hinditti yaala argachuu deeman 100 fi maatii isaan yaalchisu 100 bilisaan dhaqaa gala ni geessa jedhaniiru.Itoophiyaatti bakka bu'aan Rotarii Intarnaashinaal obbo Tashoomaa Kabbadaa dhimmi fayyaa daa'immaniifi haadholii kaayyoo ijoo dhaabbativhati jedhaniiru.Akkataa waliigaltee kanaan baay'inni daa'immaan yaala fayyaa kana argachuuf jiran rakkoo jiru waliin yoo ilaalamu baay'ee hojjechuu gaafata jedhaniiru.Baasii yaala fayyaa daa'immaniif Hinditti taasifamuuf hundaa Rotaarii Itarnaashinaal kanafala jedhameera.