Haleellaan tasaa gareen Shanee fi adda bilisa baasaa Gaambeellaa jechuun of waamu magaalaa Gaambeellaatti banan fashalaa’era jedhame.

122

Waxabajjii 8/2014 (TOI) – Haleellaan tasaa gareen Shanee fi Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa jechuun of waamu magaalaa Gaambeellaatti banan tarkaanfii qindoomaa humnoonni nageenya fudhataniin fashalaa’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun ibsan.

Obbo Umood dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniin, hidhattoonni kunneen magaalaa Gaambeellaa loo’anii seenuun yaaliin nageenya ummataa booreessuu fi saamuuf taasiisan tattaaffii qindoomaa qaamolee nageenyaa naannolee fi federaalaan fashalaa’uu himaniiru.

Tarkaanfii fudhatameen hidhattoonni hedduun ajjeefamuu eeraniiru.

Yeroo ammaa magaalaan Gaambellaa tasgabbii fi nageenya gaarirratti kan argamtu ta’uu himaniiru.

Haleellicha fashaleessuuf gumacha jiraattoonni magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin taasiisaniif galateefataniiru.

Magaalicha keessa yeroo ammaa qaamolee nageenyaa mootummaan ala galgala sa’aatii 2:00 booda socho’uun kan hin danda’amne ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015