Fandichi hirmaannaa misoomaa Itoophiyaarratti taasisu cimsee itti fufa

83

Waxabajji, 2/2014(TOI) - Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa hirmaannaa misoomaa Itoophiyaarratti taasisu cimsee akka itti fufu Ministir Dee’etaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasawu gaafatan.

Aadde Samariitaan Pirezdaantii Itti aanaa Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaafi jila Hogganaa Dippaartimantii Korporeet Guukii Wuun durfamuu waliin mari’ataniiru.

Pirezdaantii Itti aanaan dhaabbatichaa, imaammata qonnaafi misooma baadiyyaa mootummaa Itoophiyaatiin ba’aniifi dinagdee biyyattii guddisuuf fooyya’iinsa taasifaman kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa dhaabbannisaanii misooma baadiyyaa Itoophiyaafi wabii nyaataarratti taasisu ibsaniiru.

Aadde Samaaritaa gamasaaniin, dhaabbatichaafi mootummaa Itoophiyaa gidduu hariiroon hojii waggoota 40 jiraachuu yaadachiisuun, dhaabbatichi yeroo ammaa pirojektiiwwan Doolaara 240 baasii itti ta’e hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsicha guddisuun hirmaannaa hojii misooma Itoophiyaarratti taasisu cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015