Itoophiyaatti afaanota baduurratti argaman dagaagsuuf hojjetamaa jira jedhame

96

Caamsaa 29/2014 (TOI) – Itoophiyaatti afaanota baduurratti argaman addaa baasuun akka hinbanneef hojiin dagaagsuu gaggeeffamaa jiraachuu Akkaadamiin Afaanotaa fi Aadaalee Itoophiyaa beeksise.

Akkaadaamichi waggaa 50ffaa hundeeffama isaa yunivarsitii Finfinneeetti kabajeera.

Daayrektarri akkaadaamichaa, Dooktar Yohaannis Adgee, akkaadaamichi afaanotaa Itoophiyaa keessaa akka dagagganiif, hojilee qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun dhalootatti akka darban taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ulaagaa Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaa’een, afaanonni biyyattii keessaa baduurratti argaman adda ba’aniiru jedhan.

Haaluma kanaan sirna barreeffamaa kanneen hinqabne qorannoorratti hundaa’uun akkataa amalaa isaaniitiin, sirna qubeessuu Laatiinii fi Gi’iizii qopheeffamaa jiras jedhaniiru.

Afaanota dubbattoota gadaanaa qaban dabalatee galmee jechootaa qopheessuun afaan dhalootaarra darbee barnoota ittiin barsiisuuf akka oolan gochuu keessatti akkaadaamichi gahee isaa bahachaa jira jedhaniiru.

Kana malees, afaanonni kunneen akka hinbanneef barreeffamaa fi tooftaalee afaan ittiin dagagsan biroon akka gabbatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Pireezdaantiin Yuunivarsitii Finfinnee, Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaa, aadaalee fi afaanota dagaagsuun faayidaa tajaajila hawaasummaaf qaban guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015