Humnoota nageenyaa Itoophiyaaf malan ijaaruun itti fufa - Doktar Abiy Ahimad

42

Caamsaa 28/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad humnoota nageenyaa Itoophiyaaf malan ijaaruun itti fufa jedhan.

Miseensoota Poolisiif sagantaa beekamtii kennu fi galateeffannaa magaalaa Finfinnee addababaayi masqalaatti geggeeffameera.

Sirna kanarratti argamuun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad argamuun haasaa taasisaniin uummanni nagaan oolee kan bulu dhamaatii Poolisii Itoophiyaatini jedhaniiru.

Gatii nagaa osoo hubanne gara walitti bu'insaatti hin deemnu kan jedham doktar Abiy bu'uurri nageenyaafi badhaadhina humana nageenyaa waan ta'eef humna nageenyaa cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Poolisoona nagaafi tasgabbi biyyaa eeguuf lubbuu isaanii dhaban, humnoota nageenyaa miindaa xiqqaan osoo kanfalamuufi biyyaaf jecha aarsaa guddaa baasan kabajuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Kaayyoon keenyaa dhaabbilee beekumsaafi dhugaadhan biyya tajaajilan uumudha. Hojii dhaabbilee nageenyaa cimsuuf hojjetamu keessa hojiin poolisii Federaalatti hojjetame fakkenyadhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015