Itoophiyaatti oomisha Haayidirooloojii Magariisaa fi Amooniyaa anniisaa haaromfamaaf oolchuuf kaampaanii Awustiraaliyaa waliin waliigalteerra ga’ame

83

Caamsaa 26/2014 (TOI) – Dhaabbanni Invastimantii Awustiraaliyaa “Fortescu Future Industries” jedhamu Itoophiyaatti gaazii faalama qilleessaa geesisuurraa bilisa kan ta’e oomisha haayidirooloojii magariisaa fi amooniyaa irratti bobba’uun anniisaa haaromfamaaf oolchuuf Ministeera maallaqaa waliin waliigalteerra ga’uu beeksise.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, milkaa’ina proojektiichaaf mootummaan Ityoophiyaa dhaabbaticha waliin kutannoon kan hojjetu ta’uu beeksisaniiru.

Piroojektichi diinagdee magariisaa cimsuun, anniisaa gaazii faalaarraa bilisaa dhiyeessuu, carraa hojii lammiileef uumuu, anniisaa haaromfamaa biyyaa alaaf dhiyeessuun guddinaa fi misooma biyyattiif gumaachaa akka qabu Obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2022 eegalee Mootummaan Ityoophiyaa kaampaanii Awustiraaliyaa ‘’Fortescu Future Industries’’ waliin piroojektii oomisha Haayidiroolojii Magariisaa fi Amooniyaa eegaluudhaaf mari’achaa turuu yaadachiisanii, Itoophiyaa giddugala anniisaa haaromfamaa gochuun hanqina dhiyeessii anniisaa biyya keessaas ta’e, biyya alaa furuuf kubbaaniyyichis ta’e mootummaan xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Hoji Gaggeessituun Kubbaaniyyaa ‘’Fortescu Future Industries’’ Juulii Shutliwootzi, kubbaaniyyichi Haayidirooloojii Magariisaa fi Amooniyaa oomishuudhaan gadi lakkifama kaarboonii zeerootti gadi buusuun guutummaatti anniisaa haaromfamaa faayidaarra akka oolchan beeksisaniiru.

Itoophiyaan damee anniisaa ji’ootermaalii, bubbee fi anniisaa aduutiin qabeenyi qabdu Hojii invastimantii kubbaniyyichaaf filatamtuu taasiseera jedhan.

Haayidirooloojiin Magariisaa fi Amooniyaan oomisha xaa’oo, simmintoo, geejiba konkolaataa, baaburaa fi dooniif maddaa anniisaa ta’uun kan tajaajiluu maddaa gaazi faalaarraa walabaa ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015