Manni Maree Ministirootaa Wixineen Baajata mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona 786.61 akka ta’u murteesse.

154

Caamsaa 26/2014 (TOI) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 9ffaa har’a gaggeesseen Wixineen Baajata mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 akka ta’u murteesseera.

Haaluma kanaan Baajata baasii idilee Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 47.12, baasii kaappitaalaaf Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona18.11, deeggarsa naannoleef Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 9.38, akkasumas galmoota misoomaa itti fufaaf Birrii biiliyoonni 12 qabamuu ibsameera.

Waliigala Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 ta’uun dhiyaateera.

Baajanni bara 2015 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaallame Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 11.94 caalmaa qabaachuu ibsameera.

Manni Marichaas Wixinee baajata dhiyaateerratti mari’achuun galteewwan dabalataa dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaatee akka ragga’u sagalee guutuun murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015