''Ganna dhufu roobni cimaan waan jiraatuuf balaa lolaaf akka hinsaaxilamneef hawaasni gamanumaa eeggannoo cimsuu qaba''

177

Finfinnee, Caamsaa 22/2014 (TOI) Ganna dhufu rooba cimaa jirurraan kan ka’e balaan lolaa mudachuu waan maluuf, naannawaaleen balaa kanaaf saaxilamoo ta’an gamanumaan eeggannoo cimsuu akka qaban Inistitiyuutiin Raga Haala Qilleensaa Itoophiyaa hubachiise.

Tibbaana hoo’inni olaanaa mudate sababa namtolchee fi umamaaraa kan maddan ta’uu eereera.

Ogeessi Raaga Haala Qilleensaa Inistitiyuutichaa Taammiruu Kabbadaa, ganna dhufu roobni idilee olii jiraachuu akka malu raagni jiru ni argisiisa jedhan.

Baatii Adoolessaa fi Hagayya dhufus roobni idileen ol akka jiraatu kaasaniiru. Keessumaa Kaabaa-Bahaa fi Baha biyyattiitti roobni dabalaa akka adeemus himaniiru.

Tibbana hoo’inni mudates dhiibaa namtolcheen ta’uu himanii, kanaan walqabtees hoo’inni kun soda balaa lolaa ta’uu akka malu ibsaniiru.

Akka ibsa ogeessichaatti, dhaabbileenis ta’e hawaasni naannawaa sodaa balaa lolaa jiran gamanumaa qophii eeggannoo taasisuu qabu jedhaniiru.

Naannawaa laggeenii fi lafa dhooqaa hawaasni jiraatus gamanumaa qophii fi eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015