Aadde Adaanech Abeebee Piroojektiiwwan gurguddoo Birrii biiliyoona 6 oliin magaalicha keessatti ijaaramaa jiran daawwatan.

94

Caamsaa 20/2014(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee Piroojektiiwwan gurguddoo Birrii biiliyoona 6 oliin magaalicha keessatti ijaaramaa jiran daawwatan.

Piroojektiiwwan kunneen yeroo eegametti qulqullina isaanii eeganii haala xumuramuu danda’an irratti dhaabbilee ijaarsaa piroojektiiwwan kanneenii wajjiin mari’ataniiru.

Rakkoolee hanqina simmintoo fi sharafa alaa furuun piroojektiiwwan qulqullinaan xumuruun barbaachisaadha jedhan, Aadde Adaanech.

Aadde Adaanech Piroojektoota daawwatan keessaa giddugalaa innooveeshinii Afriikaa, tajaajila geejjibaa ammayyaa’aa Finfinnee, piroojektii bakka dhaabbii konkolaataafaa ta’uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015