Rasaasni seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 2 fi 141 ol to’atame - ENA Afaan Oromoo
Rasaasni seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 2 fi 141 ol to’atame

Caamsaa 19/2014 (TOI) – Bulchiinsa Godina saba Waghimaraa aanaa Gaazgiibilaatti Rasaasni seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 2fi 141 to’atamuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan Waajjiricha Insipeektarri olaanaa Hayiluu Wandimoo TOI akka himanitti gochaa seeraan alaa ittisuufi to'achuuf koreen qaamolee nageenyaa aanicharra qindaa'uun hojjechaa jiru.
To'annoo taasifamaa jiruunis namni dhuunfaa keellaa naannawaa Laalkiiwu jiru cabsuun daandii biraatiin seeraan ala rasaasaa kuma 2 fi 141 jooniyyaan maruun gara Laastaatti ceesisuuf wayitaa yaalu poolisii aanichaan toa’atamuun himameera
Shakkamaanis to’atamuun dhimmi isaa qulqullaa’aa jiraachuun eerameera.