Fildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ijaarsa siidaa yaaddannoo humna kutaa waraanaa lafoo 2ffaa Nisir jedhamuuf dhagaa bu'uura kaa'an.

251

Caamsaa 18/2014(TOI) - Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ijaarsa siidaa yaaddannoo humna kutaa waraanaa lafoo 2ffaa Nisir jedhamuuf dhagaa bu'uura kaa'an.

Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dhagaa bu'uura kana kan kaa'an mooraa kutaa waraanichaa keessatti sirna beekamtii kennuu geggeeffama jiru cinaattidha jedhameera.

Siidaan kun sababaan dhaabbatuuf kutaan waraanaa kun nageenya Itoophiyaa eeguuf aarsaa kanfalee yaadachuuf ta'uu ajajaan kutaa waraanichaa Birgaader Jeneraal Seeyifaa Ingii sirna kanarratti dubbataniiru.

Dabalataniis gamoo mana Kitaabaafi bakka bashanaa waraaniichaaf oolu dabaluun kan ijaraamu ta'uu himaniiru.Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI fiilid Maarshaal Biraanuu Juuluu erga dhagaa bu'uura kana kaa'aniin booda mooraa kutaa waraanichaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015