Naannichaatti sirna hojiimaata siivil Sarvisii saffisaa fi ammayyaa’aa diriirsuun fedhii tajaajilamtootaa guutuuf hojjetamuu qaba jedhame

Caamsaa 17/2014(TOI) - Naannoo Gambeellaatti sirna hojiimaata siivil Sarvisii saffisaa fi ammayyaa’aa diriirsuun fedhii tajaajilamtootaa guutuuf hojjetamuu akka qabu Pireezidaantiin Mootummaa Naannichaa obbo Umood Ujuluu hubachiisan.

Naannichatti sagantaan hojii eegalchiisu piroojektii sirna qabiinsa odeeffannoo siivil sarvisii qindaa’aa guyyaa har’aa Magaalaa Gambeellaatti eegaleera.

Saganticha irratti obbo Umood Ujuluu akka himanitti, fedhii tajaajilamaa guddachaa dhufe guutuuf Naannoo Gambeellaatti sirna hojiimaata siivil Sarvisii saffisaa fi ammayyaa’aa diriirsuu barbaachisa.

Gara fuulduraattis rakkoolee bulchiinsa gaarii fi hojiimaataa hambisuun tajaajila saffisaa fi haqaa hawaasaaf kennuuf dhaabbileen hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015