Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan gosa adda addaa Biiliyoona 6.3 qophaa’uun himame.

107

Caamsaa 16/2014(TOI) - Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan gosa adda addaa Biiliyoona 6 fi miiliyoona 300 qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministira Qonnaa Proofeesar Iyaasuu Eliyaas Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan gosa gara garaa Biiliyoona 6 fi miiliyoona 300 qophaa’eera.

Biqiltuuwwan qophaa’an kunneenis biqiltuu bosonaa, biqiltuu nyaataaf oolanii fi kanneen biroo ta’uu himan.

Sgantaan jalqabbii dhaabbii Ashaaraa magariisaa biyyaleessaa baranaas Waxabajjii 15 bara 2014tti akka eegalamu himaniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa kun erga hojiirra ooluu eegalee as uwwisni bosona biyyattii dabalaa dhufuus Obbo Iyaasuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015