Itoophiyaa bakkeewwan gara garaatti walitti bu’iinsa uumamee ture duuba harki garee Shororkeessaa ABUT jira.

104

Caamsaa 16/2014(TOI)- Itoophiyaa bakkeewwan gara garaatti walitti bu’iinsa uumamee ture duuba harki garee Shororkeessaa ABUT akka jiru qorannoon mirkanaa’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Jijjirama Itoophiyaatti dhufe hordofee biyyatti bakkeewwan adda addaatti walitti bu’insaafi tasgabbii dhabuun mudataa tureera.

Walitti bu’iinsa uumame kanaanis lubbuun lammiilee nagaa hedduu kan darbe yoo ta’u, miidhaan qaamaa, mancaatiin qabeenyaafi lammiileen hedduun qe’ee isaanii irraa buqaa’aniiru.

Deetaan Ministira Haqaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa akka jedhanitti, sababa walitti bu’iinsa kanneenii qorachuufi yakkamtoota seeratti dhiheessuun gaafatamaa gochuuf qorannoo gaggeeffameen harki badii garee shororkeessaa ABUT duuba jiraachuun mirkanaa’eera.

Gareen shororkeessaa kun walitti bu’iinsa uumamaa ture meeshaa waraanaafi baajataan deeggaruun akkasumas bobbii kennuun hirmaachaa turuusaa odeeffannoofi ragaa argameen mirkanaa’uu himan.

Waliitti bu’iinsa bakkeewwan gara garaatti uumame qorachuun, namoota yakka kana keessaa harka qaban hunda seeraan gaafatamaa gochuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015