Qabeenyaa gabbataa Afrikaan bahaa qabdutti fayyadamuuf ilaalcha hin taane kan qaxanicharra jiru jijjiruun barbaachisadha jedhame.

64

Caamsaa 16/2014(TOI) - Qabeenyaa gabbataa Afrikaan bahaa qabdutti fayyadamuuf ibsituuwwaan qaxanaa kana ta'anii kan muli'ataan ilaalchoota akka walitti bu'insaa, hongeefi tasgabbii dhabuu jijjiruun barbaachisadha jedhan Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Ministeera Dhimma Alaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun Waxabajjii 7 – 12, 2014tti Feestivaala Aadaa fi Aartii Afrikaa Bahaa magalaa Finfinneetti qopheessufi akka jiru himameera.

Haala qophii isaa ilaalchisee marii gaggeeffamerratti kan argaman Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Feestivaalli Aadaa fi Aartii Baha Afrikaa nageenyaa fi walitti hidhamiinsa ummattoota naannichaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Hariiroo ummattootaa cimsuu fi dippiloomaasii hariiroo biyyoota ollaarratti xiyyeeffate uumuun murteessaa ta’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015