Magaalaa Qobbootti Birriin miiliyoona 3 ol to’annoo jala ooluu Poolisiin Magaalichaa beeksise.

95

Caamsaa 16/2014(TOI) - Magaalaa Qobbootti, Birriin miiliyoona 3 ol garee shororkeessaa ABUT tiif osoo dabarfamaa jiruu ta'annaa jala ooluu qajeelchi humana nageenyaa godinichaa beeksise.

Hogganaan itti aanaa Qaljeelchiicha obbo Kaffaaloo Ababaa akka TOI tti himaniitti maallaqni seeraan ala dadabarfamaa ture kun kan to'atamee gaafa guyyaa 15/2014 galgalaa naannawwaa saatii 1dha.

Maallaqa kana sibii uraa qabuu keessaa gochuun gaariin kotte duudaatti fe'ee garee shororkeessaa kanaaf dabarsaa osoo jiranii caarraaqqii ummata Magaalaa Qobboo, Poolisii fi miliishaa magaalichaan to’annoo jala ooluu himaniiru.

Shakkamtoota kanarraa hubachuun akka danda'ameetti qaama birarraa maallaqa kana fuudhanii dabarsaa kan jiran ta'uun barameeras jedhaniiru.

Caalaatti qoratamaa kan jiru ta'uu himuun humni keessoo keenyaa diina waliin hojjetu akka jiru kan agarsiisuu gochaan kun muli'iseera jedhaniiru.

Gochaawwan akka kana hawaasni si'aa'inaan hordufuu akka qabuus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015