Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

151

Caamsaa 13/2014 (TOI) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 8ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarseera.

Manni marichaa labsii aangoo qaamolee federaalaa fi raawwii isaanii murteessuuf ba’e lakkoofsa 1263/2014 irratti kallattii dhiyaatee fi yaada murtoorratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Akkasumas Wixinee dambii Invastimantii jajjabeessuu fi jireenya hawaasummaa waliigalaa fooyyeesuuf gumaacha taasiisuu haala danda’uun tilmaamama keessa galchuun qophaa’e irratti erga mari’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

Gama biroon manni marichaa wixinee dambii Bulchiinsa Kuusaa fi daddabrsawwan Gumurukaa dhiyaaterratti mari’achuun galteewwan barbaachisan dabalamuun guyyaa har’aa eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

Dabalataan manni marichaa wixinee dambii gochaa fi gurmaa’iinsa Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii murteessuuf qophaa’e irratti mari'achuun galteewwan dabaluun Guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu marteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015