Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii eegalchiisan
64
Caamsaa 11/2014 (TOI) – Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii kutaa magaalaa Qiirqoositti eegalchiisaniiru.
Aadde Adaanech kutaa magaalichaa naannoo Carqoositti manneen jireenyaa abbootii warraa 40 deebisanii ijaaruuf guyyaa har’aa ifatti eegalchiisaniiru.
Haalli lammiileen kunneen keessa turan mijataa kan hin turre ta’uu fi deeggartoota misoomaa barbaaduun haaromsuuf hojjetamuu aadde Adaanech saganticharratti ibsaniiru.
Warshaan biiraa Haaynikan hojii haaromsa manneenii kanneen hojjechuuf waadaa seeneera.