Hojiin ijaarsa Pirojektii haroo Dandiirratti hojjetamuu eegalame.

84

Caamsaa 07/2014(TOI) - Qaama pirojektii 'Wancii- Dandii keessaa tokko kan ta'e ijaarsi Pirojektii Haroo Dandii bakka Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministiira Raayyaa Ittisa Biyyaa fi To'ataa Olaanaa Pirojektii Wancii -Dandii Dr. Abrahaam Balaay, Hojii Gaggeessaan Dhaabbata 'Saaliinii' Peetiroo Saaliinii, fi anga’oonni Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa argamanitti jalqabsiifame.

Jiraattonni Godina Shawaa Lixaas, keessummoota kanneeniif simannaa ho'aa taasisaniiru akka OBN gabaaseti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015