Rakkoolee biyyattii keessatti mul’atan hiikuuf tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiru abdachiisaadha.

68

Caamsaa 06/2014(TOI) - Rakkoolee biyyattii keessatti mul’atan hiikuuf tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiru abdachiisaa ta'uu Gamtaan Awurooppaa beeksise.

Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma alaa obbo Dammaaqaa Mokonnin, Gamtaa Awurooppaatti Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Dr. Aneet Weebar waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan akka himanitti, Itoophiyaatti nageenyi akka bu’uu fi lammiilee sababa walitti bu’insaa fi hongeen miidhamaniif haala dhiyeessii deeggarsa namoomaa taasifamaa jiru irratti Dr Aneetiif ibsa kennaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa osoo addaan hin citiin lammiileef akka dhaqqabuuf dhukaasa dhaabuun deeggarsi akka dhaqqabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbilee hojii deeggarsa namoomaa irratti bobba’an keessaa, Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa namoomaa raabsaa jiraachuus himaniiru.

Gamtaa Awurooppaatti Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Dr. Aneet Weebar gama isaaniin, mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa osoo walirraa hin cinne akka dhaqqabuuf murtoo dhukaasa dhaabuu fi rakkoolee biyyattii keessatti mul’ataniif furmaata kennuuf hojiin hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.

Akkasumas Gamtaan Awurooppaa deeggarsa kan taasisu ta’uus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015