"Hoggantoonni raawwii karoora ji’oota saglan darbanii irra ka’uun, ji’oota lamaan dhufanitti dhimmoota galmaan hin geenye milkeessuuf hojjechuu qabna''

63

Ebla 27/2014(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Habeebee, hoggantoonni raawwii karoora ji’oota saglan darbanii irra ka’uun, ji’oota lamaan dhufanitti dhimmoota galmaan hin geenye milkeessuuf hojjechuu qabna jedhaniiru,

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii karoora ji’oota saglan darbaniifi karoora ji’oota lamaan hafani irratti hoggantoota gidduugaleessa hanga Aanaatti jiran waliin mari’ata jira.

Mariichaa irrattis aadde Adaanach akka jedhanitti, hoggantoonni magaaliichaa raawwii karoora ji’oota saglan darbanii irras ka’uun ji’oota lamaan hafanitti dhimmoota galmaan hin geenye milkeessuuf hojjechuu qabna.

Kananais hoggantoonni magaaliichaa nageenya uummataa mirkaneessuuf, rakkoo finxaaleessummaa mul’ataa jiru ittisuu, kenninsa tajaajilaafi kanneen biro foyyeessuuf hojjechu qabdu jedhaniiru.

Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alam gama isaaniin ji’oota laman dhufanitti jireenya hawaasaa harka qalleeyyii foyyeessuu dabalate nageenyaafi tasgabbii magaalitti mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015