Magaalichatti Salaatni Iid Al Faxir jalqabee hanga xumuramutti daandiiwwan cufaman ifooman

51

Ebla 23/2014 (TOI) – Magaalaa Fiinfinneetti Salaatni Iid Al Faxir jalqabee hanga xumuramutti daandiiwwan cufaman ifoomaniiru.

Muddamni tiraafikaa akka hin uumamneef daandiiwwan armaan gadiitti eeraman guyyaa boruu konkolaattotaaf cufaa ta’uu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee yaadachiiseera.

  1. Buufata Xiyyaaraa Booleerraa gama Galma Barkumeen gara Istaadiyeemii kan geessu Addabaabaayii Olompiyaarratti
  2. Magganaanyaarraa gama Haayaahulettiin gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessuu fi Boolee Madaanaalamiirraa gama Hoteela Atilaas gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo Bataskaana Uuraa’elitti
  3. Araat Kiloorraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Waldee Chiloot/ Ibsaa Paarlaamaarratti
  4. Piyaassaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Addabaabaayii Teewoodiroos irratti
  5. Taklaayimaanotrraa gama Meetrooloojiin Istaadiyeemii kan geessu naannoo Meetrooloojiitti
  6. Taklaayimaanot irraa gama Hospitaala Xuqur Anbassaan gara Istaadiyeemii kan geessu balbala Hospitaala Xuqur Anbassaa isa duubaarratti
  7. Siniimaa Raasii gama Goollaa Mikaa’eliin gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Goollaa Mikaa’eliirratti
  8. Geejjaa Safar, Xeenaa Xibbaqaarraan gara mana Tiyaatira Biyyaalessaa kan geessu Goommaa Quxxabaarratti
  9. Chilootii Baashaa Waldeerraa gama Gaaraajii Oormaan gara Masgiida Fil Wuhaa kan geessu naannoo Mana Maxxansaa Nigd irratti
  10. Goofaarraa gama Bataskaana Qiddus Qiirqoosiin gara Lagahaar geessu naannoo Bataskaana Qiddus Qiirqoositti
  11. Xoor Hayiloochii, Lidataa, Hospitaala Poolisiirraa gara Addabaabaayii Masqalaa Kan geessu Addabaabaayii Meeksiikoorratti
  12. Saaris irraa gama Gootaraan Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo Araattenyaa Kifla xooriitti kan cufamu ta’uu ibsameera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015