Barattoonni kutaa 12ffaa waraanaa fi walitti bu’iinsa keessatti qormaata fudhatan adda baafamanii fi qabxii seensa Yuunvarsiitii hin fidiin hafan bara kana akka barataa idileetti kan qoraman murtaa'e.

106

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (TOI) – Barattoonni kutaa 12ffaa waraanaa fi walitti bu’iinsa keessatti qormaata fudhatan adda baafamanii fi qabxii seensa Yuunvarsiitii hin fidiin hafan bara kana akka barataa idileetti kan qoraman ta’uu, Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerri Barnootaa fi Hoggantoonni Biiroolee Barnootaa Naannolee fi Bulchiinsota Magaalaa ibsa miidiyaaleef kennaaniiru.

Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uus ministeerichi beeksiseera.

Hanna qormaataa, walirraa waraabuu fi rakkoolee biroo hambisuuf kana booda qormaanni biyyaalessaa manneen barnootaa keessatti osoo hin taane dhaabbilee federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru.

Waggoottaan shanan dhufan keessa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira kan jedhan Ministirichi, rakkoolee qormaata biyyaalessaa waliin walqabatee ka’u hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Qormaata biyyaalessaa bara 2014f Taabileetiwwan miiliyoonni 1 kennamaa jiraachuu ibsa laataniin himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015