"Akka biyyaatti qabiinsa bishaanii fi biyyoorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha"

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad bishaannii fi biyyoon qonnaa fi oomishtummaaf murteessaadha jedhaniiru.

Doktar Abiy Ahimad fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsaniitti akka biyyaatti qabiinsa bishaanii fi biyyoorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Akka addunyaattis sababa dhiyeessiin bishaanii hanqatuu fi biyyoon tatarsa’uun lafti qullaatti hafuun babaldhataa dhufeera jedhan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qonnaa fi oomishtummaatin wabii nyaata mirkaneessuun akka danda’amuuf rakkoowwan hedduu furuuf kan kaayyeffateedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015