Dhorkii deeffannoon dhamaatii ogeeyyii miidiyaaleerra gahu hiikuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

80

Eebila 8/2014 (TOI) – Dhorkii odeeffannoon dhamaatii ogeeyyii miidiyaaleerra gahu hiikuuf wixineen qajeelfamaa qophaa’ee gara hojiitti galuuf ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshiinii Salaamaawit Kaasaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin Miidiyaaleen hojiilee qorannoo irraa eegamu akka hojjetanii fi odeeffannoo uummata biraan akka ga’aniif mootummaa bira kutannoon jiraatus yaa’iinsa odeeffannoorratti rakkooleen kaleessa turan har’as jiraachuu eeraniiru.

Hoggantoonnii fi dhaabbileen baayyinaan bakkichaaf haaraadha, ana hin ilaallatu jechuunii fi sababoota biroo dhiyeessuun miidiyaaleef rakkoo ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo kana hambisuuf wixinee qajeelfamaa qophaa’erratti mariin taasifamee hojiirra oolmaaf qophii ta’uu kaasaniiru.

Qajeelfamichi sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga sadarkaa kominikeeshinii gadiitti hariiroo kan uumu ta’uu ibsuun ogeeyyiin sabquunnamtii dhaabbilee isaanii akka ittiin beeksisanii fi carraa hariiroo miidiyaalee waliin qaban ittiin cimsatan kan uumu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015