Koreen dhaabbiicha qabeenyaan yeroo kaa'ameef keessaatti buufata gogaa keessaa baafamuu qaba jedhe

61

Ebla 06/2014(TOI0 - Koreen Dhaabbii Misoomaawwan Bu’uuraa, Magaalaafi Dhimmota Konistirashinii pirojeektii babal’ina Buufata Gogaa Moojoo daawwateera.

Daawwanna kanaanis qabeenyaan yeroo kaa'ameef alaa buufata keessa turuun abbootii qabeenyaas ta'ee mootummaa baasii dabalataaf kan saaxilu waan ta'eef qabeenyaawwaan buufata keessaa akka dafaanii kaafaman qajeelfamni jabaan diriirfamu akka qabu hubachuu himaniiru.

Buufata gogaa Mojootti itti aanaan hojii geggeessaa Buufataafi Tarminaalii obbo Mirata-aabbi Takiluu sochii bufatichaa yeroo ibsan,yeroo ammaa sababa dhaalaan waan walitti qabuu qaban harka 36 qofaa walitti qabaa jiraachuu himaniiru.

Buufaticha keessa Kontinaroonni kuma 3 ol ta'an guyyoota 15 kan turan ta'uu himuun, kana fuuruuf kallaatti seeraan deeggarsi Koree dhaabbiicha akka isaan barbaachisu himaniiru.

Waliitti Qabduun Koree Dhaabbiichaa Aadde Shawwit Shaankaa gama isaaniin hojjirra oolmaa labsichaaf koreen dhaabbi kun xiyyeeffanna kan hordofu ta'uu himaniiru.

Qabeenyi mootummaafi ummataa akka qisaasofne qindoominaan hojjachuu barbaachisadhas jedhameera.Pirojeektii babal’inaa kun yeroo qabameef keessatti, baajataafi qulqullinaan akkasumas qabeenya mootummaafi ummataa kaayyoo qabameef irra akka ooluu qaamoolee dhimmamtootaa waliin qindoominaan hojjechuu akka barbaachisuus Koreen Dhaabbii kun hubachiiseera.

Abbaa Taayitaa Humna Galaanaa Itoophiyaatti, Daarektarri Jeneraalaa Injinar Yewalaashat Jammara, kaayyoon ijoo ijaarsa buufata kanaa dhiibbaa buufaticha hir’isuufi dhaqqabiinsa amma jiru kana babal’isuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Waliitti Qabduun Koree Dhaabbiichaa Aadde Shawwit Shaankaa gama isaaniin mootummaan damee loojistikii irratti abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuuf qophii taasisee dinqisifachuun damichaan bu’aa fiduuf hojii hojjetame ilaalaniru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015