''Iidaa hanga Iidaatti imaala gara biyyaatti'' mata duree jedhuun sagantaan qophaa'e.

80

Bitooteessa 16/2014(TOI) - Sagantaan Itoophiyaanonnii fi michuuwwan Itoophiyaa biyya alaa jiraatan gara biyyaa akka dhufaanif ''Iidaa hanga Iidaatti imaala gara biyyaatti'' mata duree jedhuun qophaa'uu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Sagantaan kunis kan qophaa'e waamicha ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabarsaan hordofee kan qophaa'e ta'u deetaan ministira dhimma alaa fi walitti qabduun koree qindeesituu sagantichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo himaniiru.

Doktar Abiy lammileen Itoophiyaa muchuuwwan ishee jalqaba Sooma Ramadaanaa Idaalfaxirii irraa jalqabee hangaa Iid Al-Adahatti sagantaa turu kanaan gara biyyaa dhufanii hojiiwwan biyya keessatti hojjetaman daawwachuun gahee isaanis akka baan waamicha taasisuun ni yaadatama.

Itoophiiyaan Sa'udi-Arabiyaatti aante biyya deemsi hijiraa itti taasisfamedha kan jedhan Ambaasaador Burtuukaan, Itoophiiyaan biyya walqixxuummaafi iftoominni amantii itti mirkanaa'ee akka taate beeksisuufis sagantaan kun akka gargaaru himaniiru.

Sagantaa kanarratti sirnoonni adda addaa kan raawwataman ta'uus ambaasaaddar Burtukaan himaniiru.

Ministeera Dhimma Alaa waliin koricha kan qindeessan, Ustaaz Abubakar Ahmed, islaamummaan yeroo yaadatamu Itoophiiyaan yoommillee hin dagatamtu jechuun, hawaasni musliimaa hundi oolmaa Itoophiiyaa akka hubataaniif sagataan kun gahee qabaata jedhaniiru.

Milka'ina sagantaa kanaaf, mootummaan federaalaa, naannoolee, dhabbileen amantaa, qaamoleen nageenyaafi dhimmi ilaallatu hundi qindoominaan hojjetamaa akka jiruu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015