HR 6600 hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaa tilmaamama keessa kan galchee miti-Obbo Dammaqaa

55

Finfinnee, Bitootessa 14/2014 (TOI) – Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministeera fi Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Dammaqaa Mokkonniin Afrikaa Bahaatti ergamaa addaa Ameerikaa Deeviid Saataarfiild waliin mari’ataniiru.

Qaamolee lameen dhimmoota hariiroo waloorratti mari’ataniiru.Obbo Dammaqaan deeggarsa namoomaa dhaabbilee deeggartoota naannoo Tigraayiif taasisaniif tumsa barbaachisuu taasisuuf mootummaan murannoo qabachuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa kun akka gufatuu taasisuu fi haleellaa garichi naannolee olaarratti qaqqabsiisaa jiru ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Obbo Dammaqaan HR 6600 hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaa baroota dheeraa tilmaamama keessa kan galchee miti jedhaniiru.

Wixineen kun Itoophiyaa keessaatti nagaa kan buusu osoo hin taane jiruu uummata Itoophiyaarratti dhiibbaa guddaa kan qabudhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015