Magaaloota Oromiyaa adda addaatti waltajjii mariin hawaasaa jalqabame.

71

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (TOI) – Magaaloota Oromiyaa adda addaatti waltajjii mariin hawaasaa jalqabame.

Magaaloota waltajjiin marii kun itti jalqabamee keessaa magaalaa Adaamaa, Baalee Roobee, Amboofi Jimmaati.Waltajjiin marii hawaasaa magaalaa Adaamaatti geggeeffama jiru kun galma abba Gadaatti geggeeffama kan jiru yoo ta'uu kutaan hawaasa magaalicha garaagara irratti hirmaachaa jiru.

Waltajjii Marii hawaasaa kanarratti Pireezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Miseensa Koree giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaafi Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa fi Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee argamuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015