Pireezdaant Saahilawarq Zawdeen yaa’ii bishaanii addunyaarratti hirmaachuuf Seenegaal galan - ENA Afaan Oromoo
Pireezdaant Saahilawarq Zawdeen yaa’ii bishaanii addunyaarratti hirmaachuuf Seenegaal galan

Bitootessa 11/2014 (TOI) - Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen yaa’ii bishaanii addunyaa 9ffaarratti hirmaachuuf Seenegaal galan.
Jilli Pireezdaant Saahilawarqiin durfamu yaa’ii bishaan addunyaa 9ffaarratti hirmaachuuf Seeneegaal magaalaa Daakaar galeera.
Fooramiin bishaan idil addunyaa waggaa sadi sadiin kan gaggeeffamu ta’uu fi rakkoolee gama tajaajila bishaan qulqulluu jiru furuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Waltajjiin maree biyyoota sahaaraa gadiin yeroo jalqabaaf taa’amuuf jedhu kun bishaanota daandaa ce’an karaa nagaa fi waaraan haala itti fayyadamuun danda’amurrattii kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.