Itoophiyaan Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa Beelgireed sadarkaa 1ffaan xumurte - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa Beelgireed sadarkaa 1ffaan xumurte

Finfinnee, Bitootessa 11/2014 (TOI)- Itoophiyaan Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 18ffaa Beelgireed 2022n sadarkaa 1ffaan xumurte.
Itoophiyaan dorgommichaan meedaaliyaa 9 argachuun addunyaarraa 1ffaa ta’uun xumurteetti.Atleetonni Itoophiyaa dorgommii fiigichaa garaagaraan koorniyaa lamaaniin Warqee 4, Meetii 3 fi Nahaasa 2 waliigala meedaaliyaawwan 9 biyyattiif argamsiisaniiru.
Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa kanaan Ameerikaa fi Siwiizarlaand sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa ba’uun xumuraniiru.
Itoophiyaan shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 12ffaa Vaaleenshiyaan warqee 4, meetii 1 fi nahaasa 1 wayita argattu shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 17ffaa Barmiingihaamiin ammoo Warqee 4 fi meetii 1 argachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.@fbc