”Paartiin Badhaadhinaa murteewwan yaa'icharratti dabarse qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu qaba - Obbo Leencoo Lataa.

14

Bitootessa 8/2014(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa yaa'iisaan tokkummaa biyyaafi nageenya mirkaneessuuf murteewwan dabarse qabatamaan gara hojiitti jijjiruu akka qabu obbo Leencoo Lataa himan.

Namni siyaasaa buleessii obbo Leencoo Lataan akka dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himaniitti yaa'iin waliigalaa jalqabaa paartiin Badhaadhinaa jidduu kana geggeeffate kanaan waantoota hawaasa shakkiwwan keessa galchuu danda'uu jedhaman ifa kan taasiseedha jedhaniiru.

Keessattuu marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu milkeessuuf komishinicha cinaa dhaabbachuun fiixa bahiinsa isaatiif tumsuun akka barbaachiisu himan.

Komishinichi dhiibbaafi gjidduseentummaa tokko malee hojii isaa bilisaan akka hojjetuuf paartiichi cinaa dhaabbachuun deeggaruu akka qabus Obbo Leencoon himaniiru.#DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015