Gaaga'ama Yuukreen keessa jiru qabanneessuuf qaamni hunduu waldhabdee umamee karaa nagaa akka furataan Itoophiyaan waamicha dhiheessite.

67

Gurraandhala 24/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaga'ama Yuukreenitti umamee furuuf qaamooleen hunduu karaa nagaafi maariin rakkoo jiru akka furatan waamicha dhiheessaan.

Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumame qabanneessuuf qaamoleen hundi gochaa walitti bu’iinsa babal’isanirraa of qusachuu akka qabanis doktar Abiy gaafataniiru.

Doktar Abiy dhimma gaaga'ama Yuukireen ilaalchisuun xaayaa qaamolee dhimmi ilaallatuuf barreessaniin haalli waggoota lamaan darbe addunyaarratti muli'ate qindoomidha.

Addunyaarratti rakkoon biyya tokko ka'ee achumatti hin hafu. Biyyi hunduu rakkoo kanaan hinuma tuqama. Kana immo haalonni waggoota lamaan darban muli'atan agarsiistudha jedhaniiru.

Rakkoo sababa Vaayirasii Koroonaan umame biyyoonni addunyaa hunduu qooddataniiru.

Rakkoo gama Fayyaaniis ta'ee dinagdeen umamuu biyyoonni hunduu kan qooddatan ta'uu Itoophiyaan ni hubatti jedhaniiru.Itoophiyaan waraana dhiyeenya keessa dabarsiterraa ka’uun waa’ee miidhaa waraanaa muuxannoo hedduu qabaachuu ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Akkaataa Muuxxannoo Itoophiyaan, Waraanni maatii, hawaasaa fi diinagdee biyyaa kan miidhudha jedhaniiru.

Miidhaa qabeenyaa waraanni qaqqabsiisu suphuun danda’amus godaannisni inni hawaasarraatti kaa’ee darbu garuu daraan hamaa fi haquuf ulfaatadha jedhaniiru.

Itoophiyaan dhimma Yuukreen itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu kaasuun, gochawwan rakkicha hammeessaan adeemaa jiru kan isaan yaaddesse ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan akka biyya michoo Awurooppaa taatteetti, gaaga'ama Yuukireen keessa jiru furuuf qaamni hundi gochawwan waldhabdicha hammeessanirraa of qusachuun, rakkicha furuuf daandiwwan nageenyaa fayyadamuu akka qaban gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015