Obbo Dammaqaa Makonnin ergaa baga gammaddanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Obbo Dammaqaa Makonnin ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 13/2014 (TOI) – Ittaanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsan.
Ergaasaaniin kutaawwan seenaa ijaarsa piroojektii hidha haaromsaa guddichaa darban yeroo maraa kan yaadataman ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsa piroojektichaa hordofee boqonnaawwan bishaan guutuu 1ffaa fi 2ffaan walitti fufiinsaan gaggeeffamuu yadachiisuun waggoota kumaatamaaf kiilomeetira hedduu imalaa kan ture lagni Abbaay yeroo muraasaaf boqotee anniisaa maddisiisuun imala isaa itti fufeera jedhan.