Hidhi Haaromsaa guddichi Itoophiyaa har'a anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 maddisiisuu eegale

123

Gurraandhala 13/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad har'a ifatti Hidhaa Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 maddisiisu hojii eegalchiisaniiru.

Hidhi haaromsaa Guddichi Itoophiyaa Bitootessa 24/2003 Naannoo Beenishaanguul Gumuz aanaa Gubaatti ijaarsa isaaf dhagaan bu'uuraa kan kaa'ame.

Hidhichi waggaa 11 booda har'a anniisaa elektirikaa meegaa waatii 375 maddisiisuu eegaleera.

Hidhicha jala/gara hundeessatti meetira 130, gubbaa isaatti ammoo meetira 11 furdata jedhame.

Yuuniitiiwwan anniisaa meegaa waatii 375 hanga 400tti maddisiisuu danda'an 13 qaba.

Itoophiyaan humna isheef barbaachisu erga guuttattee booda meegaa waatii kuma 2 biyyoota ollaaf dhiyeessuun waggaatti galii Doolaara miiliyoona 580 argachuu akka dandeechu tilmaamni taa'eera.

Guyyaa har'aa Yuuniitiin tokko anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisu kan eegale yoo ta'u, 2ffaan ammoo qophiirra jira jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015