Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Beeljiyeem Biraasiilsi galan

142

Gurraandhala 9/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaarratti hirmaachuuf Beeljiyeem Biraasiilsi galaniiru.

Doktar Abiy yeroo isaan buufata Xiyyaara idil addunyaa Biraasil gahanis hoggantoonni olaanoo biyyaatti simannaa taasisaniifiru.

Yaa'ichaan durattis Doktar Abiy Ahimad Pireezidaantii mana maree Gamtaa Awurooppaa Chaarliis Micheel waliin dhimma walitti dhufeenya gamtichaa fi Itoophiyaa marii taasisaniiru.

Doktar Abiy Ahimad yaa’ii gaggeeffamu cinaatti hoggantoota biyyoota Awurooppaa fi dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliinis marii ni taasiisu jedhamera.

Yaa'iin Gamtaa Afrikaa fi Awurooppa Kamisaa fi Jimaataa dhufu kan geggeeffamu yoo ta'u hoggantoonni biyyoota gamtaa lamaanuu, hoggantoota bakka buutota dhaabbilee adda addaafi keessuummoonni aardiwwaan lameenii ni hirmaatu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015