Namichi Aggituu Guddataa ajjeese hidhaa cimaa waggaa 20'n adabame

62

Gurraandhala 8/2014(TOI) - Manni Murtii biyya Xaaliyaanii Tireentoo namicha dhalattuu Itoophiyaa Aggituu Guddataa ajjeese, Suleemaan Adaamsi jedhamurratti hidhaa cimaa waggaa 20 murteesse.

Manni murtichaa dhaddacha kaleessa, Guraandhala 7 bara 2014 taa’een dubartii hojii uumtuu lammii Itoophiyaa manashee keessatti burruusaan rukutee waggaa tokko dura jechuunis ALA "December 29 bara 2020" ajjeesse ga’eessi waggaa 33fi lammii Gaanaa, Suleemaan irratti hidhaa cimaa waggaa 20 murteesseera.

Aggituun Tireentinootti akaakuuwwan re’ee sanyiinsaanii baduu ga’e horsiisuun hojii bu’aa qabeessa kan hojjette yoo ta’u, kunuunsa naannawaa, omisha aannaniifi bu’aalee annaniirrattillee bu’aaqabeettii turte.

Murtiin kun akka argamuuf maatiinshee, anga’oonni naannawaashee, jiraattonni, hawaasni diyaaspooraafi Imbaasiin Itoophiyaa Xaaliyaanitti argamu hojii cimaa hojjechuu odeeffannoo imbaasichaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015