Itoophiyaa ilaalchisee wiixinee seeraa miseensota qophaa’e akka hin raggaane taasisuuf sosochiin eegalamuu Manni Maree Misomaa Itiyoo- Ameerikaanootaa beeksise.

68

Guraandhala 04/2014(TOI) - Itoophiyaa ilaalchisee wiixinee seeraa miseensota Kongireesii Paartii Rippaabiliikaanfi Dimookiraatiin qophaa’e akka hin raggaane taasisuuf sosochiin eegalamuu Manni Maree Misomaa Itiyoo- Ameerikaanootaa beeksise.

Ameerikaatti miseensonni kongireesii Toom Maliinoowskii/Niiw Jeersi, Yaang Kiim/Kalifoorniyaa, Giriigoorii Miisk/Niiw Yoorkfi Maayikiir Maakaawuul/Teeksaas HAR 6600 jechuun wiixinee seeraa torban kana qopheessaniin koreen dhimmoota alaa Kongireesichaa marii gaggeessuu ni yaadatama.

Yaadonni wiixinee seeraa HAR 6600 waraana kutaa kaaba Itoophiyaatti namoota itti gaafataman irratti dhorkii kaa’uu, Ameerikaan deeggarsa nageenyaafi daldalaa Itoophiyaaf taasistu akka dhaabdufi dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaarraa deeggarsaafi fi liqaa akka hin arganne dhorkii kaa’uu akka ta’e himameera.

Haa ta’u malee Manni Maree Misomaa Itiyoo- Ameerikaanootaa wixineen seerichaa akka hin raggaasifamne kan dandeessisu sosochii taasisuu eegaluu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015